Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojii Dhaabinsi Mormii Gondar Keessatti Gaggeeffame


Hojii Dhaabinsi Mormii Gondar Keessatti Gaggeeffame
Hojii Dhaabinsi Mormii Gondar Keessatti Gaggeeffame

Hojii dhaabinsii mormii Dilbata darbee kaasee guyyaa sadiif magaalaa Gondar keessatti gaggeeffame sochii jiru gutummaatti cufuu isaa jiraattonni dubbatanii jiru.Kunis dhiittaa mirga namoomaa mootummaan geessisuuf fi ukkaamsaa fi hidhaa jiru mormuuf kan gaggeffame jedhu jiraatonni. Angawoonni mootummaa garuu uummata waliin walgahii gaggeessuuf akkasumas uummanni sodaa qabu irraa cufee jedhu.

Magaalaa Debre Marqos keessattis haalli wal fakkaataan jiraachuu fi bulchiinsa naannoo Amaaraa gama bahaa keessatti sochiin waraanaa hedduun akka jiru jiraatonni ibsanii jiru. Angawoonni gama isaaniin rakkoo jiru furuuf mariachuun akka barbaachisu kun ta’u baannaan mootummaan olaantummaa seeraa eegsisuun dirqama isaa akka tahe dubbatan. Sababaa ilaalacha siyaasaa qabuun kan hidhame tokko akka hin jirre mirkaneessiina jedhan.

Hojii Dhaabinsi Mormii Gondar Keessatti Gaggeeffame
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:18 0:00

XS
SM
MD
LG