Hilaarii Kilintan Sababa Fayyaatin Sagantaawwaan Tibbaana Qabdu Irratti Hirmaachuu Dhabde
Filannoo pireesdaantii Ameerikaa ji’ota murasa booda godhamuuf paartii Dimookraatii bakka buutee han dorgomtuu, Sekreetarii Hilaarii Kilintan, kalleessa yaadannoo 9/11Niyoorkitti geggeeffameirratti erga hrimaatee booda akka ofwallaaluu taatee namoonni hirkisanii konkolaata keessa galchan. San booda garu mana intalashi magalauma san jiru boqattee oggaa baatuu namoota ala san turan nagaha gaafachaa “ amma nagahan qaba” jetteetti. Dooktoriin ishiis dhukkuba “pneumonia’ qabaachuu ishiifi boqannaa akka fudhachuu qabdu waan gorseef sagantaawwaan murasa tibbana qabdu haqxeetti.