Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sheekotii Somaalee akka dubartiin biyya isaanii kubbaa saaphannaa hin taphanne jabeessani itti dhaaman


 Puntland, Somalia
Puntland, Somalia

Akka jecha sheekota tanaatti dubartiin kubbaa saaphannaa taphachuun seera Musliimaati alaa amantii isaaniillee dansaa miti.

Koreen Amantii Somaalee SRC dorgommii ispoortii kubbaa saaphannaa biyyoolessaa dubartootii Puuntilaandi magaalaa Garoowweetti taphachuuf kurfoo jiraniin duratti tana jette.

Dhaamsii qaalloleen baaftte akkana jedha, “dubartiin wal dorgommii saaphannaa taphachuun seera Islaamaatii ala,aadaa f faaydaa isaanii balleessani fulaan akkasii ammoo ta nadheen itti sobamtu.”

Dorgommiin kubbaa saaphannaa Puuntilandi tun biyya tanaaf ta jaqlabaati. Moqaadishoo dabalee magaalaa afuritti irratti wal dorgoma.Somaaleen eegii bara 1991 keessa mootummaan isaanii gara galee asitti waan ispoortii jedhan gugurdoo akkanaa akka biyyoolessaatti irratti wal dorgomanii hin beekan.

XS
SM
MD
LG