Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Bulee Horaa Keessatti Namni Tokko Ajjeefamuu Beekamee Jira


Faayilii - magalaa Bulee Horaa
Faayilii - magalaa Bulee Horaa

Roobii kaleessaa waaree ykn walakeessa guyyaa irratti humnootiin waraana mootummaa kokolaataa tokko irratti dhukaasa banuu isaanii kan dubbatan jiraattonni dhukaasa sana giddutti barataan umriin isaa kudha lamaa kan gara mana barumsaatti adeemaa ture rasaasaan ajjefamu jiraattonni dubbatanii jiru.Reeffii mucaa kanaas hospitaala keessa kan jiru ta’uu fi maatiin isaa baadiyyaa keessaa barbaadamaa akka jiru ibsamee jira.Mgaalaa Bulee Horaas ta’e godiina sana keessaa namoonni hidhamaa akka jiran kunis yeroodhaa gara yarootti hammaataa deemuu jiraataan kun ibsan.

Bulchaan magaalaa Bulee Horaa Obbo Morkataa Teroo akka jedhantti konkolaataan irratti dhukafame sun kontrobaandii fe’uun kan shakkame ture jedhan. Dargaggoon tilmaamaan umriin isaa kudha afur ynk kudha shan ta’u ajjefamuu ibsanii ajjeechaa dhaqqabeen akka bulchiinsaatti gadduu isaanii ibsan. Maatiin mucaa ajjefamees baadiyyaa dhufanii dubbachaa jirra jedhanii namnii ajjechaa kana rawwates to’annaa jala ooleera jedhan.

Hokkara nannoo sana keessatti gaggeeffame waliin hidhata kan qaban to’annaa jala oolchuun leenjiin kennamaafii akka jirus ibsaniiru.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG