Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dippiloomaatii Ameerikaa Gameessa: Jijjiirama Fiduuf Waadaa Seename Hojii Irra Oolchuuf Itti-gaafatamni Ka Mootummaa Itiyoophiyaa Qofa


Dippiloomaatii Ameerikaa Gameessa: Jijjiirama Fiduuf Waadaa Seename Hojii Irra Oolchuuf Itti-gaafatamni Ka Mootummaa Itiyoophiyaa Qofa
Dippiloomaatii Ameerikaa Gameessa: Jijjiirama Fiduuf Waadaa Seename Hojii Irra Oolchuuf Itti-gaafatamni Ka Mootummaa Itiyoophiyaa Qofa

Ka dhiheenya Itiyophiyaa daawwatan – dhimma dimookiraasii, mirga dhala-namaa fi hojiitti itti-aanaan ministara dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Toom Maalinoowiskii, Raadiyoo Sagalee Ameerikaatiif gaaffii fi deebii addatti keannaniin kana dubbatan. Mr. Maalinoowiskii, gurmuu dippiloomaatotaa Yunaayitid Isteets hoogganuudhaan, ministara dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Warqineh Gebeyyehuun kan hoogganame - gurmuu aangawoota Itiyoophiyaa wajiin torban dabre keessa walga’uudhaan dhimmoota dimookiraasii, mirga dhala-namaa fi bulchiinsa gaarii irrattti ifatti yaada wal-jijjiiran. Gama motummaa Itiyoophiyaatiinis, kallattii adda addaatiin jijjiirraalee jalqabaman itti-fufsiisuuf murannoon isaa jiraachuun ibsamee jira. Gama kanaan, dhugumatti, jijjiiramni Toom Maalinoowiskii itti-amanan Itiyoophiyaa keessatti geggeessame yoo tahe gaafatamanii, “jijjiiramni – jedhame ka dhufuu danda’u, kan nan fida – jedhee waadaa seene – mootummaa itiyoophiyaatiin qofa” jedhan.

Ittt-fuuudhaanis, “akka ani beekutti, mootummaan ifatti akka beeksisetti, gama adda addaatiin jijjiiramoota gochuu itti fufuuff fedhii akka qabu ibsee jira. Akka natti fakkaatutti, dhimmoota ol’aanoo ni jijjjiiramu jedhaman keessaa tokko, filannoo jijjiirama gochuuf fedhii mootummichi agarsiise. Akka dubbatanitti yoo tahe, bakka-bu’ummaa madaalawaa yokaan sirna haala akkasii makate caasaa filannoo keessatti diriirsuuf yaadanii jiran. Gochaaleen akkasii haga ammaatti hojii irra kanneen ooliin ture. Egaa waadaalee seenaman kana hojitti jijjiiruun itti-gaafatamni isaa ka mootummaa Itiyoophiyaa ti. Kun Ameerikaa irraa yokaan biyya kaan irraa kan dhufu miti. Kan inni ta’uu danda’u marii itiyoophiyaa keessatti geggeessamuu fi murtii asumatti argamuun qofa” jedhanii jiran.

Haa tahu malee, Mootummaan Yunaayitid Isteets, hariiroo fi walitti-dhiheenya waliin qabu irraa ka’uudhaan, yeroo baay’ee mootummaa Itiyoophiyaaf ka gorsa kennu ta’uu hin dhoksine – Toom Maalinoowiskii.

Gara dhumaa irratti, keessumaa sabaa-himaa yokaan Miidiyaa walabaaf qilleensa yokaan hawaa banamaa kennuu ilaalchisee ibsa bal’aa kennan – Maalinoowiskiin. Ka Mootummaan Itiyoophiyaa “oduuwwan qabaamoo hin taane sabaa-himaa yokaan miidiyaa hawaasummaan tamsaasamanii fi haasawwan jibbinsaa” jechuun balaaleffatu ennaa dubbatan, “kanaaf qorichi baay’ee gaariin, Ameerikaatti afaan Ingiliziin akka jennu, sabaa-himaa yokaan miidiyaa walabaa fi cimaa biyya keessaaf balbala banuudhaan akka lolaa bishaanii odeeffannoo dhugaa keessa lolaasuu dha. Yoo akkas tahe, uummatni biyyattii gara Feesbuukii deemee odeeffannoo barbaaduuf hin dirqamu. Ameerikaa keessattis tahe Itiyoophiyaa keessatti oduun dhugaa hin taane kan inni facaasamu, yeroo namni odeeffannoo guyyaa-dhaa-guyyaatti barbaadu argahuuf jecha, gara miidiyaalee hawaasummaa dhaquuf dirqamu.’ Jedhan – dippiloomaatiin Ameerikaa gameessi kun.

Kana cuqaasaatii qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG