Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Mootummootaa: Sababaa Dantaa Siyaasaaf Qabiinsi Mirga Dhala Namaa Haala Sodaachisaatti Deemaa Jira


Tokkummaa Mootummootaa: Sababaa Dantaa Siyaasaaf Qabiinsi Mirga Dhala Namaa Haala Sodaachisaatti Deemaa Jira
Tokkummaa Mootummootaa: Sababaa Dantaa Siyaasaaf Qabiinsi Mirga Dhala Namaa Haala Sodaachisaatti Deemaa Jira

Hoogganaan mirga dhala-namaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – Ze’iid Ra’aad Huseen, kan kabajamuu mirga dhala-namaa bu’uraa irratti hundaa’e – nageenyi Addunyaa micciirtota siyaasaata siyaasaatiin haala sodaachisaa irra jira, jechuun akeekkachiisan.

Waraansa Addunyaa lammaffaa tii booda, bu’aaleen addunyaa tasgabbeessuu argamanii turan, ilaalchi siyaasaa “Populism” jedhamu, kan uummatni iyyeessi warra duureyyiin saamamaa jira – jedhu guddataa deemuu irraa kan ka’e dhabamaa jira – jedhu Koomishinarichi Koomishina Mirga Dhala-namaa Tokkummaa Mootummootaa ol’aanaan – Ze’iid Ra’aa Al-Huseen.

Waraana Addunyaa hamaa sanaa booda, waggoota toorban dabaraniif - nageenyi nannoolee addunyaa hedduu keessatti argamee fi hojiin misoomaa milkaa’ina argate – seerri eegumsa mirga dhala-namaa Chaarter Tokkummaa Mootummootaa keessaa fi walii-galteelee dhaabatoota mirga dhafla-namaa sadarkaa Addunyaa ka biroo keessatti tumamuu fi kabajamuu isaa ta’uu dubbatu.

Addunyaan duula hammeenyaa hoogganootni siyaasaa mirga dhala-namaa bu’uraa irratti geggeessaniin toosisamuu fi walii-galteelee mirgawwan kana eegsisuuf tolfamanii fi dhaabbatoota deggersa kanaaf dhaabatan keessaa ba’uun, waan baay’ee akka ishee dhabsiisu akeekkachiisan – hoogganaa koomishina mirga dhala-namaa ka Tokkummaa Mootummotaa kun.

Hoogganoota siyaasaa, kanneen akka bara ijaarsa Liigii sana, caasaa Tokkummaa biyyootaa keessaa of baasuuf sodaachisan yokaan of baasuuf yaadaa jiranitti, fiingeen akeekkachiisaa muuxannoo dabre irraa madde hafuufamuu qaba. Calluma jennee adoodnee hin teenyu. Wanni dhabuuf jirru baay’ee waan ta’eef. Wanneen tiksuun nu irra jirus hedduu waan ta’eef. Jarreen siyaasaa jal’isan kanaaf jecha, mirgawwan keenya, mirgawwan ka biroo, egeree Addunyaa keenyaa moqqaatti gatnee taa’uu hin dandeenyu – jedhan – Ze’iid Ra’aad Huseen.

Barreessaan Muummichi Tokkummaa Mootummootaa – Antooniyoo Guteres, gumii mirga dhala-namaa ka Tokkummaa mootummootaa kana irratti yeroo duraaf argamanii jiran. Dhiittaan mirg dhala-namaa sadarkaa jalqabaa irra jiru kun gara rakkoo hamaatti akka geessuu malu akeekkachiisan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Tokkummaa Mootummootaa: Sababaa Dantaa Siyaasaaf Qabiinsi Mirga Dhala Namaa Haala Sodaachisaatti Deemaa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00

XS
SM
MD
LG