Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Mormii Insuraansii Fayyaa Ilaalchisee Ka’eef Obaamaa Himatan


Traamp Mormii Insuraansii Fayyaa Ilaalchisee Ka’eef Obaamaa Himatan
Traamp Mormii Insuraansii Fayyaa Ilaalchisee Ka’eef Obaamaa Himatan

Prezidaant Donaald Traamp dhiyeenya ennaa seera tumtoonni boqonnaaf kutaa irraa dhufanitti deebi’an mormii ka’eef prezidaantii duraanii Baraack Obaamaa himatan.

Seera tumtoonni sun jijjiirama eegumsa fayyaa fiduuf jedhaniif karoora maalii akka qaban namoonni aariin guutaman gaaffii dhiyeessaafii turan.

Republikaanonni akka jedhanitti mormitoonni kun irra hedduun garee mormitoota isaanii Demokraatotaan qindeeffame.

Akkan yaadutti jedhan Trump dhaabbata oduu Fox jedhamuuf white House keessatti ibsa kennaniin kana duuba Prezidaant Obaamaatu jira, sababiin isaas namoota isaaniitu keessa jira jedhan.

Kun siyaasa akka ta’es nan hubadha. Isaan kana keessa jiraachuun isaaniis siyaasa, tarii immoo itti fufuu mala jedhaii waan isaan hojjechuu barbaadanan jijjiira jedhan.

XS
SM
MD
LG