Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasi Ministirii Dhimma Alaa Ameerikaa Madaala Isaa Hin Eegne: Mootummaa Itiyoophiyaa


Faayilii - Sirna awwaalcha barsiisaa Dinqaa Caalaa. Namoota mormii Oromiyaatiin wal-qabatee ajjeefaman keessaa tokko, Holonkommii, Oromiyaa, 2015
Faayilii - Sirna awwaalcha barsiisaa Dinqaa Caalaa. Namoota mormii Oromiyaatiin wal-qabatee ajjeefaman keessaa tokko, Holonkommii, Oromiyaa, 2015

Mootummaan Itoophiyaa akka jedhutti Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis gabaasa qabiinsa mirga namaa kan biyyoota addunyaa ilaalchisuun baase keessaa kan Itiyoopiyaa irratti fuuleffate madaala isaa kan eege miti.

Gabaasichi bu’uura kan godhate ragaa humnootiin fedha siyaasaa kennan malee ragaa mootumaaf lammiiwwan haqaaf dhaabatanii kan of keessaa hin qabaanne ta’uu ibsameera.

Gara fuula duraatti garuu kan mootummaan qaama walabaa ti ittiin jedhe komiishinni mirga namaa Itiyoophiyaa gabaasa gama isaa kan dhiyeessu ta’uu waajjirri kominikeeshinii mootummaa beeksiseera.

Waajjira kominikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan kutaa quunnamtii uummataa obbo Mohammed Seyid VOAf akka ibsanitti gabaasa qabiinsa mirga namaa kan bara 2016 ennaa baasu haala yeroo Itiyoopiyaa keessaa sirriitti hin hubanne jedhan.

Waggaa darbe karaa nagaa gaaffii isaanii qaamotiin dhiyeessan akkuma turan kanneen jeeqama kaasaniif hammeessanis turan jedhan.

Mootummaan immoo nageenya uummataa eeguuf itti gaafatamatu irra jira jechuun falmu.

Kana irra darbee garuu ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Itiyoopiyaa ilaalchisee gabaasi inni baase balleessaa mara qaama tokko irra tuule jechuun qeeqan.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Gabaasi Ministirii Dhimma Alaa Ameerikaa Madaala Isaa Hin Eegne: Mootummaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:51 0:00

XS
SM
MD
LG