Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paakistaan Daangaa Ishee Karaa Afgaanistaan Cuuftee Turte Guutmaatti Bante


Paakistaan Daangaa Ishee Karaa Afgaanistaan Cuuftee Turte Guutmaatti Bante
Paakistaan Daangaa Ishee Karaa Afgaanistaan Cuuftee Turte Guutmaatti Bante

Paakistaan – shororkeessonni Afgaanistaan keessatti qindaa’uudhaan haleellaa na irratti geggeessu – jechuun eega daangaa ishee biyyattii waliin qabdu guutummaatti cuftee baatii tokkoo booda, har’a, namoota miillaan imalanii fi konkolaatota daldalaa eegumsaan geggeessaniif deebistee guutmmaatti bantee jirti.

Muummichi-ministaraa Paakistaan – Nawaaz Shariif, ibsa sirnaa baasaniin, tarkaanfiin daangaa banuu amma biyyi isaanii fudhatte kun mallattoo faara gaarii agarsiisuu tahuu dubbatanii, mootummaan Afgaanistaan immoo, sababaalee cufamuu daangaa sanaa ta’anitti furmaata kennuuf akka tarkaanfii fudhatu kan abdii qaban ta’uu dubbatan.

Dubbi-himaan Prezidaantii Afghaanistaanis, Kaabul irraa deebii kennaniin, Paakistaan daangaa ishee deebistee banuu simatanii, “garuu, rakkoolee siyaasaa biyyoota lameen gidduu daangaa biyyoota lameenii cufuudhaan furuun hin danda’amu” – jedhan.

Lammiwwan nagaa fi daldaltootatti daangaa cufuu irra, hundee shororkeessotaa buqqisuu irratti hojjechuun akka mala wayyaawaa tahe dubbatan – aangawaaon Afghaanistan kun.

XS
SM
MD
LG