Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Uggura Haaraa Keessee Jirti


Yunaaytid Isteetes Uggura Haaraa Keessee Jirti
Yunaaytid Isteetes Uggura Haaraa Keessee Jirti

Meeshaa jamaa barbadeessan kan ilaaleen Iraan, Koriyaa kaabaa fi Siriyaa irra uggura ka’amee ture waliin wal qabatee dhaabbattoota daldalaa fi kanneen biroo 30 akkasumas namoota dhunfaa fi biyyoota 10 irra uggura dabalataa kaa’uu isaa mootummaan Amerikaa beeksisee jira.

Angawoonni sadarkaa olaanaa kan ministrii dantaa alaa Amerikaa torban darbe akka ifa godhanti uggurri kun dhaabbatoota adda addaa namoota dhunfaa fi biyyoota irra kan ka’ame ajaja seera irra ka’ameen yeroo murta’aa keessatti gamaaggama gaggeeffame irratti hirkateetu.

Biyyoota Afrikaa uggurri kun irra ka’ame keessaa Ertraa fi Masriin keessatti argamu. Humnii galaanaa kan Ertraa dhaabbttoota uggurri irra ka’amee keessaa tokko yoo ta’ubeekamee Jira.Biyyonni kanneen biroon uggurri kun isaan ilaaltu Meymaar(Barmaa), Chaayinaa, Raashiyaa Saa’idii Arabiyaa, Sudaan, Tokkummaa Emereetoota Arabaa, koriyaa kaabaa fi Iraan Ta’uun beekamee jra.

XS
SM
MD
LG