Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorattoonni Raashiyaa Nama Kaleesa Boombii Dhoose Lubbuu Namootaa Galaafate Adda-Baafachuu Dubbatan


Qorattoonni Raashiyaa Nama Kaleesa Boombii Dhoose Lubbuu Namootaa Galaafate Adda-Baafachuu Dubbatan
Qorattoonni Raashiyaa Nama Kaleesa Boombii Dhoose Lubbuu Namootaa Galaafate Adda-Baafachuu Dubbatan

Qorattoonni Raashiyaa, kan kaleessa magaalaa Seent Piitersberg, buufata baaburaa uummatni itti heddummaate keessatti Boombii of wareeiginsaa dhoosuun namoota kudhanii ol fixee fi ka biroo hedduu madeesse, ka Kirgistaanitti dhalate – nama Akbaarzoon Shaaliloov jedhamu tahuu adda-baafachuu isaanii dubbatan.

Kan suuraa shakkamaa boombii of-wareeginsaa sana baase – Poolsiin Raashiyaa, “kan umuriin isaa waggaa 22 tahe – Shaaliilov, Kirgistaan, bakka Osh jedhamtutti dhalatee, bara 2011 lammii Raashiyaa tahe” jechuun ibse.

Shaaliloov, achuma magaalaa Seent Piitersberg keessatti, Boombii ka biraa bakka biraatti hidhee ture garuu, humnoota poolisii Raashiyaan argamee akka hin dhoone taasisame – jedhama.

Hoogganoonni biyyoota Addunyaa, Chaayinaa dhaa haga Awurooppaatti, haga Braazilitti miidhaa Raashiyaa keessatti dhaqqabe kanaaf gadda isaanii ibsanii jiran. Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, hoogganaa Raashiyaa – Vilaadmiir Puutinitti bilbiluudhaan, haleellaa kana ittisuuf tarkaanfii fudhatamu irratti deggersa guutuu ka kennan ta’uu beeksisanii jiran.

XS
SM
MD
LG