Xurree ittiin seenan

Breaking News

Galaana Somaaliyaa Irratti Butinsi Dooniilee Deebi’ee, Sa'atiilee 48 Keessatti Dooniilee Lamatu Butame

Galaana Somaaliyaa irratti butinsi dooniilee deebi’ee dhufaa jira – jechuun akeekkachiisan – to’attoonni saaminsa galaana irraa.

Shiftoonni yokaan Saamtonni galaana irraa, sa’atiilee 48 keessatti dooniilee lama butuudhaan gara naannoo “Lafa Dahannaa Saamtotaa” jedhamutti eega geessanii booda akeekkachiisni kun dhaga’ame.

Saamtonni galaana Somaaliyaa irraa kun, doonii Hindii tokko eega butanii sa’atiilee xiqqoo dhaa booda, kaleessa doonii Paakistaan tokko ka butanii fudhatan – jedhama.

Bulchaan magaalaa Hobooyoo, ka giddu-gala Somaaliyaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, dooniin Hindii sun hojjetoota isaa 11 waliin ganda EL HUR jedhamutti dhihootti hidhamtee jirti. Dooniin Paakistaan, ka “Salaamaa tokko” jedhamtus garuma sanatti qajeelfamte. Hojjetoonni keessa jiran meeqa akka ta’an hin beekamne.

XS
SM
MD
LG