Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masriin Labsii Yeroo Hatattamaa Labsite


Masriin Labsii Yeroo Hatattamaa Labsite
Masriin Labsii Yeroo Hatattamaa Labsite

Waldaan Orthodox masrii keessaa haleelamee yoo xiqqaate namoonni 44 erga du’anii booda biyyattiin labsii yeroo hatattamaa baatilee sadii labsitee jirti.

Prezidaantiin biyyattii El sisin ibsa TV biyyattii irratti darbeen akka jedhanitti labsiin yeroo hatattamaa baatilee sadiif turu kun kan labsame tarkaanfissan seeraa fi heeraa erga ilaalamee booda jedhan.

Dho’iinsi inni jalqabaa magaalaa gama Kaaba Masrii Tanta bakka dho’iinsi guddaan sagada dilbata waldaa kirstiyaanaa St. George raasee namoota 27 galaafachuun 78 madeesse ta’uu TV biyyattii gabaasee jira. Dhuka’aan sun teessuma galma mana sagadaa guddicha jala awwaalamuu illee beeksisee jira.

Utuu xiqqoo hin turin haleellaa of wareegaa man asagadaa Orthodox Alexandria jiru St. Mark cinatti raawwateen immoo yoo xiqqaate namoonni 17 yoo du’an kanneen 41 ta’an ka biroon madaa’anii jiru.

Haleellaan sun kan raawwate abunichi kaatolika Roomaa Masrii daawwachuuf toranneen hangi tokko erga hafanii booda. Haleellaa sana balaaleffachuu dhaan gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Haleellaa sanaaf garee IStu itti gaafatama fudhate.

Prezidaantiin US Donaald Traamp dilbata kaleessaa prezidaanti El Sisi dhaaf bilbiluu dhaan maatiiwwan firoottan isaanii duraa du’aniif gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG