Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Ammas Bellama Biraa Kenne


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Hoogganoota sadarkaa olaanaa KFO arfan dabalatee galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti kanneen himataman namoonni 22 har’a mana murtii olaanaa kan Federaalaa Lidataa dhaddacha 4ffaatti dhiyaatanii turan. Garuu akkuma yeroo darbee sana ragaan sagaleen Sii Dii (CD) irratti waraabamee dhiyaatee ture gara afaan hojii Fedaraalaatti akka jijjiramee dhiyaatu manni murtii kan ajaje ta’us waan hin dhaqqabneef bellama biraa Kamisatti kennee jira.

Sii Dii (CD) kana gara afaan Amaaraatti akka jijjiruuf ajaji mana murtii kan itti kenname korporeeshiniin Broodkaastiin kan Itiyoophiyaa (EBC-TV) hojii kana xumuree dhiyeessuuf yeroo ga’aa hin arganne jechuun barreeffamaan mana murtii beeksisee jira. Qaamolee hojii afaan jijjiruu irratti bobba’an kanneen biroon waan jiraniif gargaarsa isaanii gaafachuun barbaachisaa akka ta’us Televiziyoonni kun hubachisee jira.

Abbaan alangaa jalqaba himatamtoota irratti himannaa kana ituu hin dhiyeessin dura ragaa qaba jedhe kanas ta’e ka biroo dursee qopheeffachuutu irra ture kan jedhan abuukaattoleen kun dirqama abbaa alaangaa ta’uu dubbatu. Maraafuu bellamni ka biraan Kamisa fuullee keenyaatti kennamee jira.

Gaaffii fi Deebii Obboo Wandimmuu Ibsaa wajjin godhame caqasaa

Manni Murtii Ammas Bellama Biraa Kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:46 0:00

XS
SM
MD
LG