Xurree ittiin seenan

Dhibeen Koleeraa Mudannoo El Niinoon Wal Qabata: Hayyoota Saayinsii

  • VOA

Dhieen Koleeraa Mudannoo El Niinoon Wal Qabata: Hayyoota Saayinsii

El Ninoon mudannoo haala qilleensa addunyaa yeroo adda addaatti mudatuu fi tilmaamaan waggaa lama lamaa hanga torbaan kan dhaaqqabu.

Ennaa El Ninoon mudatu kanatti ho’ii garba pasifiik kan andaara galaana Ameerikaa kaabaa kan kana duraa caalaa ho’a. yeroon ho’aa kun immoo naannoo dhaloota Gooftaa Yesuus ykn Christmas jalqaba.

Waggaa itti aanu Birraa keessa hoo’i galaanaa ammas ni dabala. Sanaanis ho’i qilleensaa hamaa kan akka balaa lolaa fi hongee dhaqqabsiisuu dhaan dhibeen koleeraa ka’uuf sababaa ta’a.

Tilmaamaan uummata miliyoona 177tu naannoo ennaa El Ninoon mudatu koleeraan keessatti hammaatu keessa jiraatu. Haa ta’u malee El Ninoon Afriikaa keessaatti fayyaa irratti dhiibbaa inni fidu murtaa’aa ta’uuf ragaan jiru xiqqoo ture.

Qorannaan maxxansaa “Proceedings of the National Academuy of Science” irratti akka maxxansametti ogeessi fayyaa kan waa’ee dhukkuboota daddarbanii Sean Moore garee Afriikaa kibbaa keessatti dhibeen Koleeraa dabaluu bira ga’e hoogganan.

Waggaa wagaatti biyyootii huffee Sahaaraa gadi keessaa namoonni kuma 150 ta’an dhibee koleeraan akka qabantu tilmaamama jedhu Moore. Qorannaan waa’ee El Nino garuu gaanfa Afriikaa keessaa dhibeen koleraa kuma 50n dabalee jira.

Haalli koleeraa kun kan ittiin madaalame ennaa El Ninon mudate bara 2000-20004 gidduu yeroo jirutti. Afriikaa kibbaa keessaa lakkoobsi kun gara kuma 30 ta’u ennaa El Ninon mudatu jiraachuun kan gabaasamee jira.

Dhibeen Koleeraa wal’aansa hin argatu taanaan lakkoobsi namoota du’anii dhibba irraa gara harka 50tti ol guddachuu danda’a.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG