Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fixiinsi Naazii Jibbiinsa Irraa Madde Gocha Akkasii Ni Balaaleffanna: Prezidaant Traamp


Fixiinsi Naazii Jibbiinsa Irraa Madde Gocha Akkasii Ni Balaaleffanna: Prezidaant Traamp
Fixiinsi Naazii Jibbiinsa Irraa Madde Gocha Akkasii Ni Balaaleffanna: Prezidaant Traamp

Prezidaant Donaald Traamp fixiinsa Naazii yaadachuuf jecha har’a biilsa mana maree bakka bu’ootaa keessatti sirna qophaa’e irratti haasaa dhageesisaniin jibbiinsa juushota irratti oofamutti duuluuf waadaa seenan.

Loogii sanyii buqqisnee balleessina, jibbiinsa ni balaaleffanna, akka prezidaantii US-tti yoom iyyuu Juushota cina nan dhaabadha, yoom iyyuu taanaan michuu keenya ijoo Israa’el cina nan dhaabadha jechuun ibsanii jiru.

Juushota irratti fixiinsi hin raawwatamne kanneen jedhan gocha suukaneesaa sana kanneen deggeran goonee fudhanna jechuu dhaan yoom iyyuu callisnee bira hin dabarru jedhan prezidaant Traamp. Adoolf Hitler ennaa waraana addunyaa lammataa Juushota miliyoona ja’a fixuun isaa seenaa keessatti yeroo dukkanaa’aa hamaa dha jedhan

XS
SM
MD
LG