Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abukaatoo Dr. Mararaa: Haala Itti Dr. Mararaan Mana-murtiitti Dhihaate Ilaalee, Takkaa Akka Har’atti Hin Gaddine


Faayilii - Dr. Mararaa Guddinaa fi deeggartoota isaanii dula nafiladhaa irratti
Faayilii - Dr. Mararaa Guddinaa fi deeggartoota isaanii dula nafiladhaa irratti

Ka yeroo ammaa mana-hidhaa jiran dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo fi itti-aanaa dura-taa’aan gamtaa Medrek – Dr. Mararaa Guddinaa, har’a mana-murtiitti dhihaatanii jiran. Himannaalee isaan irratti dhihaataniif, abukaatooleen isaanii – barreeffamaan mormii dhiheeffatanii jiran. Walumaa-galatti deemsi mana-murtii har’aa maal akka fakkaatu, abukaatoolee Dr. Mararaa keessaa tokko – Obbo Wandimmuu Ibsaa, Finfinnee irraa telefoonaan haasofsiisnee jirra. “Haala itti Dr. Mararaan mana-murtiitti dhihaate argee, eega inni hidhamee as akka har’aa gaddee hin beeku” jedhu.

Kana cuqaasuun gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa

Abukaatoo Dr. Mararaa: Haala Itti Dr. Mararaan Mana-murtiitti Dhihaate Ilaalee, Takkaa Akka Har’atti Hin Gaddine
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:17 0:00

XS
SM
MD
LG