Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tarkiin Ambaasaaddara Ameerikaa Waamte


Tarkiin Ambaasaaddara Ameerikaa Waamte
Tarkiin Ambaasaaddara Ameerikaa Waamte

Tarkiin Ambaasaaddara Amerikaa biyya ishee keessa jiran waamsiiftee jirti. Kunis prezidaantiin Tarkii Erdogan torban darbe yeroo Waashington daw’atanii turantti tarkaanfii hamaa waaridiyyoota prezidaantichaa eegaa turan irratti fudhatame jedhan mormuuf ta’uun beekamee jira.

Prezidaantii Tarkii mormuun Waashington DC keessatti namoota hiriiranii turan irratti/ waardiyyonni prezidaantichaa haleellaa geesisan kan ilaaleen qeeqa jabaa Amerikaan dhiyeessiteef deebii Tarkii kennuuf Ambaasaadaricha kan waamsiifte fakkaata.

Amerikaan hokkara sana booda Ambaasaaddara Tarkii biyya ishee keessa jiran waamsiiftee turte. Ministriin dantaa alaa kan Amerikaa Rex Tilrson dhaabbata oduu FOX jedhamuuf Dilbata kaleessaa akka ibsanitti hokkarri sun kan fudhatama qabu akka hin taane Ambaasaadara Tarkiitti himamee jira.

Kana irratti qorannaan gaggeeffamu itti fufee kan jiru ta’uu fi xumurri isaa yeroo baramu deebii barbaachisaan kan itti kennamu ta’uu ibsan.

XS
SM
MD
LG