Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggersi Ameerikaan Kennite Jajjabeessaa Dha: Daayriktera WHO Dr. Teewdroos Adaanoom


Daayriktera WHO Dr. Teewdroos Adaanoom
Daayriktera WHO Dr. Teewdroos Adaanoom

Hoogganaa jaarmayaa fayyaa addunyaa ta’uun kan filataman Dr. Teewdroos Adaanoom dhabamuu pooliyoo addunyaaf gumaacha US goote kan doolaara biliyoona 1.2 simatanii jiran. Gumaachi kun kan ta’e gumii Rotary Atlaantaa keessatti geggeessame irratti ture.

Dhibee hamaa addunyaa kanaatti duuluuf michummaan maallaqaan deggeruu kun jiraachuu isaa arguun nama jajjabeessa jedhan Dr. Teedroos.

WHOn qajeelfama imaammata talaallii pooliyoo kan dhiyeessuu fi attamiin talaalliin kun akka kennamu ilaalchisee qorannaa geggeessamu irratti kan hirmaatu ta’uu beeksisee, tooftaa ka biroo hatattamaan dhibee kana dhabamsiisuun danda’amu irratti illee kan hirmaatu ta’uu beeksisee jira. Gargaarsi argame kun WHOn biyyoota 70 keessatti to’annoo dhibee kanaa akka geggeessu gargaaruu akaksumas hayyoonni ijoollee miliyoona 450 waggaatti tallaaluu dandeessisan.

XS
SM
MD
LG