Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Sudaan Kibbaa Wal Ga’ii IGAD Irratti Hin Argamne


Hoogganaan Sudaan Kibbaa Wal Ga’ii IGAD Irratti Hin Argamne
Hoogganaan Sudaan Kibbaa Wal Ga’ii IGAD Irratti Hin Argamne

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa H/Maariyaam Dassaaleny gumii IGAD kan Finfinnee keessatti geggeessame irratti haalli Sudaan kibbaa keessaa gad adeemaa deemuu isaa dubbatan.

Hoogganoonni Uganda, Somalia, fi Sudaan gumii sana irratti kan argaman yoo ta’u ministeerri dhimma alaa Keeniyaa fi Jibuutii akkasumas bakka buutonni naannoo ka biroo fi kan jaarmolii sadarkaa addunyaa argamaniiru.

Itti aanaan prezidaantii Sudaan Kibbaa Taban Deng Gai-s gumii sana irratti hirmaataniiru. Prezidaantiin Sudaan Kibbaa Salva Kiir garuu hin argamne.

Itti aanaa directorri waaltaa “ Africa Center at the Atlantic Council” jedhamuu fi waaltaa qorannaa Washington keessa maadheffate irraa akka jedhanitti Salvaa Kiir ennaa Sudaan Kibbaa caccabaa jirtu fi lammiiwwan isaaniif eegumsa gochuu dadhabuun isaanii rakkoo baqattummaa naannoo sanaaf sababaa ta’e kanatti argamanii waahiloota isaanii IGAD-tti dubbachuuf dhimma hin qabaanne.

Hoogganaan garee mormituu Riyaak Macharis yeroo hedduu wal ga’I akkasii irratti kan hin hirmaanne ta’uu hayyoonni siyaasaa ni dubbatu. Prezidaantiin Sudaan kibbaa bakka bu’aa isaanii kan ta’an itti aanaa prezidaant Taban Deng Gai eerguu dubbi himaan prezidaantummaa Ateny Wek Ateny ibsaniiru.

Weber state Universititti professor kan ta’an Mukum Mbaki Kiir wal ga’ii sana irratti yoo argaman malee nagaa fi nageenya biyyattiif bu’uura barbaachisu kaa’uun rakkisaa dha jedhan.

XS
SM
MD
LG