Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan Waa’ee Qataar Maal Jetti?


Ertraan Waa’ee Qataar Maal Jetti?
Ertraan Waa’ee Qataar Maal Jetti?

Biyyonni galoo galaanaa afuur Qataar irraa hariiroo Diploomaasii kutuun kutaa sana keessatti nagaa fi nageenya kabajsiisuuf mala jiran hedduu keessaa tokko ta’u mootummaan Ertraa beeksisee jira.

Ministeerri beeksisaa kan Ertraa har’a ibsa baaseen biyyonni arfan Qataar waliin hariiroo Diploomaasii qaban dhaabuun kan miidhu Qaataarn qofa miti jedhe. Garu kutaa sana keessatti nagaa fi nageenya kabajsiisuuf mala jiran hedduu keessaa tokko jedha ibsi ba’e.

Ertraan falmii kana keessa seenuu fi sagalee ishee dhageesisuu kan hin qabne ta’uus tarkaanfiin kun dhimmi yeroo kan deggersa barbaadu waan ta’eef tarkaanfii biyyonni arfan fudhatan kun dhimmi yeroo ta’u bira taree bu’aa waan qabuuf odeeffannoo mirkanaa’ee irratti hirkachuun murtiin tokko isa barbaachisa jedha.

Bulchiinsii mootii Qataar naannoo sanatti fedhii Iraan kan eegsiisan shoroorkeessoota musleemoota sunnii deggera jechuun biyyonni ollaa arfan Masrii Saa’udii Arabiyaa , Tokkummaan Imereetootaa fi Baahreen hariiroo Diloomaasii qaban kutuu isaanii ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG