Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daarektarri FBI Baatii Dabre Taayitaa Irraa Hariyataman Har’a Koree Senetii Duratti Waa’ee Prezidaant Traampii fi Raashiyaa Dhugaa Ba’an


Daarektarri FBI Baatii Dabre Taayitaa Irraa Hariyataman Har’a Koree Senetii Duratti Waa’ee Prezidaant Traampii fi Raashiyaa Dhugaa Ba’an
Daarektarri FBI Baatii Dabre Taayitaa Irraa Hariyataman Har’a Koree Senetii Duratti Waa’ee Prezidaant Traampii fi Raashiyaa Dhugaa Ba’an

Ka prezidaant Traampiin taayitaa irraa hariyataman – Hoogganaan FBI duraanii – Jeems Koomeey, prezidaantichi akka lolee isaanii ta’anii fi qorannaa dhimma Raashiyaa dhiisan kan irraa eeganii turan ta’uu, Koree Basaasaa, ka Senetii Yunaayitid Isteets duratti dhugaa ba’an.

Traamp, hoogganaa dhaabbata qorannaa biyyoolessaa ol’aanaa, kan FBI – Jeems Koomey taayitaa irraa hari’uun isaanii baatii dabre keessa ture. Waa’ee Raashiyaan dhimma filannoo Yunaayitid Isteets ka bara dabree keessa harka galfattee jirti – jedhamee otuu dhaabbatichi qorataa jiruu ka taayitaa irraa hari’ataman Koomeen, eega sanaa as waa’ee haasawwan si’a sagal prezidaat Traamp waliin geggeessanii turanii ifatti dhugaa-ba’uun kun ka jalqabaa ta’uu isaa ti. Sagal kana keessaa, ja’a telefoonaan, sadii fuulaa fi fuulatti prezidaant Traamp waliin dubbatanii turan – Koomeen.

Prezidaant Traamp eega taayitaa irraa isaan hari’anii booda, waa’ee hariyitama isaanii ka prezidaantichi fi gargaartonni isaanii dubbatanii fi ibsan, ka yaada isaanii waliin-dhahe akka tahe dubbatan – Hoogganichi FBI duraanii. Itti fufuudhaanis, “Prezidaantichi, ana qaanessuu, ana caalaa immoo dhaabbata ani hoogganu qaanessuu filatan” – jedhan.

“Seerri daarektera FBI hujii irraa buusisu jiraachuu baatullee bulchiinsi kun anaa fi, ana caalaa ammoo FBI qaanessuu filate. Akkana jedheee, waan dhaabii kun gargar haharca’e, waan hoggana dansaa dbaabee fi bulchiinsi illee abdii irraa.Tun dhara.” Jedhan

Hariyatama isaaniif, “dhimma Raashiyaa, kan FBI qorataa jiru” kanuma prezidaantichi ofii dubbatanin fudhadha jechuun dubbatan. Waa’ee Raashiyaa ilaalchisee, waan haala Prezidaantichaa irraa hubatan ennaa dhugaa-ba’anis dhimma sanatti baay’ee dhiphachuu isaanii fi sababaa sanaaf hojii kaan hojjechuu dadhabuu isaanii akka irraa hubatan dubbatan.

Traamp baatii Amajjii keessa eega taayitaa qabatanii booda, “jala-deemtummaan barbaada. Jala-buutummaan eega” ittiin jechuu isaanii ilee dubbatanii jiran – Koomeen. Waa’ee gorsaa naga-eegumsa bioyyoolessaa hariyatame – waa’ee Maayikili Flin qorannaa geggeessuu akka dhaabu isa gaafachuu isaanii illee dubbatanii jiran.

Daarektarri FBI Baatii Dabre Taayitaa Irraa Hariyataman Har’a Koree Senetii Duratti Waa’ee Prezidaant Traampii fi Raashiyaa Dhugaa Ba’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:11 0:00

XS
SM
MD
LG