Xurree ittiin seenan

Haleellaa London Kan Torban Darbeen Namni Du’e Ka Biroon Argame

  • VOA

Haleellaa London Kan Torban Darbeen Namni Du’e Ka Biroon Argame

Haleellaa shorokeessotaa torban darbe London keessatti raawwatameen reeffi nama ka biroon laga Thames keessaa argamuu poolisiin Briteen mirkaneessee jira.

Poolisiin reeffi sun kan lammii Ferensaay Zeeviyer Thomas ta’uu har’a adda baafatee jira.

Kibxata poolisiin London akka beeksisetti namni haleellaa sana raawwate sadaffaan kan umuriin waggaa 22 Youssef Zaghiba ka jedhamu yoo ta’u lammii Xaaliyaanii hidda dhalata Morokoo Longon Bahaa keessa jiraataa ture. Namni kun angawoota naga eegumsaan barbaadamaa hin turre.

Kanneen haleellaa raawwatan lama immoo tokko lammii Briteen Khuram Shazad Butt fi kan London Bahaa keessa jiraataa ture Rachid Redouane ta’uu angawoonni adda baafatanii jiran.

XS
SM
MD
LG