Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajilli Interneetii kan Cufameef Dantaa Barattootaa Guutuuf Jecha: Ministeera Kominikeeshinii Itiyoophiyaa


Tajaajilli Interneetii kan Cufameef Dantaa Barattootaa Guutuuf Jecha: Ministeera Kominikeeshinii Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:24 0:00

Tajaajilli Interneetii kan Cufameef Dantaa Barattootaa Guutuuf Jecha: Ministeera Kominikeeshinii Itiyoophiyaa

Ministriin dhimmootii kominikeeshinii Itiyoophiyaa Dr. Nagarii Leencoo kaleessa galgala gaazexeessota biyyootii alaaf ibsa kennan irratti Kibxata darbe kan addaan cite dhimma tajaajila interneetii ture.

Ministrichi akka jedhanitti tajaajilli interneetii guutummaan kan cufame guyyoota lamaa hamma sadii qofaatti. Kunis caasaalee hawaasaa ykn social midea qofaa irratti ta’uu dubbatu.

Tajaajilli interneetii hangi tokko hojjetaa kan jiru si’a ta’u tarkaanfiin kun kan fudhatameef akeeka ijoo tokko qofaafi jedhu Dr. Nagariin.

Har’a mobaayila keessan harkaa irraa social midiyaa argachuu dhiisuu maltu. Sababaan isaas daataan mobaayilaa waan cufameef. Waajjira keessanii garuu interneetii argachuu dandeessan. Anis waajjira kootii interneetii nan fayyadama kanneen biroonis fayyadamaa turan. Tarii guyyoota sadii jechuunis qormaanni kutaa 10 hamma raawwatamutti ta’uu mala.

Rakkoo jiru ni hubanna. Garuu kan kana goone jaal’annee miti. dantaa barattoota keenyaa eeguu qabna. Kana immoo lammiin sirriitti yaaduuf mootummaan itti gaafatama isaa kabaju kan hojjetu jedhan.

Dr. Nagarii leencoo kan isaan irratti fuuleffatan dhimmi ka biroon naannoolee biyyattii gama bahaa fi kibba gama bahaa honge mudate irratti ture.

Haalli hongee Sanaa jirjjiiramuu isaa kan dubbatan Dr. Nagariin naannoleen sun rooba argataa jiraachuu isaaniif bakka tokko tokkottis lolaan rakkoo uumuu isaa ibsaniiru.

Deggersi hangi barbaachisu alaa hin argamne kan jedhan minitrichi haa ta’u malee hawaasaalee addunyaa deggersa nuu godhaniif galata keenya dhiyeessuu feena jedhan.

Balaa dhufuu malu dura dhaabachuuf garuu mootummaan qophee barbaachisu gochuu isaa dubbatan.

Tajaajilli Interneetii kan Cufameef Dantaa Barattootaa Guutuuf Jecha: Ministeera Kominikeeshinii Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:40 0:00

XS
SM
MD
LG