Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Akka Biyyi Isaanii Walii-galtee Kunuunsa Qilleensa Naannoo Biyyoonni Addunyaa Gara Dhibba Lamaa Mallatteesanii Turan Keessaa Akka Baatu Kaleessa Labsuun Addunyaarrtti Qeeqa Hedduu Kaase


Prezidaant Traamp Akka Biyyi Isaanii Walii-galtee Kunuunsa Qilleensa Naannoo Biyyoonni Addunyaa Gara Dhibba Lamaa Mallatteesanii Turan Keessaa Akka Baatu Kaleessa Labsuun Addunyaarrtti Qeeqa Hedduu Kaase
Prezidaant Traamp Akka Biyyi Isaanii Walii-galtee Kunuunsa Qilleensa Naannoo Biyyoonni Addunyaa Gara Dhibba Lamaa Mallatteesanii Turan Keessaa Akka Baatu Kaleessa Labsuun Addunyaarrtti Qeeqa Hedduu Kaase

Kanneen Paaris keessatti walga’an biyyoonni 197 jijjiiramni haala qilleensa naannoo addunyaaf sodaachisaa ta’uu hubachuudhaan, aara qilleensa gubataa biyya isaanii keessaa, daran gad-muruuf dhaadatanii turan. Biyyoota walii-galtee sana mallatteessan keessaa Yunaayitid Isteets tokko turte.

Garuu, prezidaant Donaald Traamp eega taayitaa qabatanii as, waadaa Yunaayitid Isteets seentee turte sana duubatti deebisuuf, imammatoota sana duuba jiran jijjiiruutti irratti hojjetaa turan, Kanneen keessaa proojektii ujummoo boba’aa KEYSTONE XL jedhamuu, ka wal-mormsiisaa tahe sana deebisanii jalqabsiisuu fi to’annaa aara warshaalee ka mootummaan Obaamaa baase keessa deebi’anii barreessuu akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.

Kaleessa immoo, akka Yunaayitid Isteets, walii-galtee Paaris keessaa baatu labsan – Prezidaant Traamp.

Yunaayitid Isteets walii-galtee waa’ee qilleensa naannoo Paaris keessaa ba’uuf jirti – jedhan.

Dhaabuu hin dandeenyu! Dhaabuuf hin jirru! – jedhan, namoonni ejjennoo Prezidaant Buush kana morman – Waayit Haawus fuul-duratti hiriiranii. Bulchiinsi magaalaa Paarisis, labsii Prezidaant kana mormuudhaan, galma isaa ibsaa magarisaan ibse.

Aara gurbataa, warshaalee fi meeshaalee ka biroo keessaa ba’u, ka “Greenhouse Gas Emissions” jedhamu gad-xiqqeessuuf, biyyoonni gara dhibba lamaa ta’an BARA 2015 walii-galan. Kanneen walii-galtee sana adda-durummaan mallatteessan – Prezidaantiin duraanii – Baaraak Obaamaa, akkuma prezidaant Traamp akka biyyattiin keessaa baatu labsanitti, mormii isaanii dhageessisan.

“Biyyoonni walii-galtee Paaris sana keessatti hafan kanneen bu’aa isaa hoiiwwan haarawa uumamanii fi induustriilee uumaman irraa guurrachuuf jiran” - jedhan – Obaamaan.

Prezidaantii Faransaay haarawa – Imaanu’eel Maakroon dabalee – hoogganoonni biyyootaa hedduun Traampiin qeeqanii jiran.

Murtii kana nan kabaja. Garuu, dhumatti, murtii dogoggoraa ti – Yunaayitid Isteetsiifis tahe Addunyaadhaaf – jedhan.

Tokkummaan Mootummootaas, Yunaayitid Isteets, walii-galtee Paaris keessaa ba’uun, carraaqqii nageenya Addunyaaf godhamuuf, mufachiisaa akka tahe beeksise.

Akka Prezidaant tarkaanfii sana fudhatan ka dursanii ciicatan, Chaansilarittiin Jarmanii – Angelaa Merkel, biyyi isaanii akka walii-galtee Paaris sanatti dirqama irraa eegamu akka baatu mirkaneessan.

Tarkaanfii amma Prezidaant Traamp fudhatan kanaan, Yunaayitid Isteets, Addunyaa irratti biyyoota lameen walii-galtee Paaris sana duraanuu hin mallatteessin hafan – Nikaaraaguwaa fi Siiriyaatti dabalamti – jechuu dha.

XS
SM
MD
LG