Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Ajaja Uggura Imalaa Isaan Dabarsan Deebisamee Akka Ilaalamu Gaafatan


Trump Travel Ban A Refugees Journey
Trump Travel Ban A Refugees Journey

Prezidaant Doonaald Traamp biyyoota irra jireessa musliima ta’an ja’a Iraan, Liibyaa, Somaaliyaa, Sudaan, Siiriyaa fi Yemen irraa namoonni gama kanatti akka hin imalle uggura kaa’an manni murtii ol aanaa deebi’ee akka ilaalu gaafatanii jiru.

Bulchiinsi Traamp ajaja mana murtii gad aanaan uggurame kan ajaji sadarkaa ol aanaa isaan dabarsan ka sirnaa ta’uu isaa manni murtii muummichi akka xiinxalu kan gaafate kaleessa galgala ture.

Ajaja Traamp uggura imalaa ilaalchisuun dabarsan mana murtii ol iyyannoo Federaalaan kan ittisame baatii Caamsaa keessa ture.

XS
SM
MD
LG