Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa Daran Cime


Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa Daran Cime
Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa Daran Cime

Durmaanuu jabaatee jiraachuun isaa kan mul’atu hariiroon Itiyoophiyaa fi chaayinaa daran cimuun isaa sadarkaa tokko ol butachuun isaa kan ibsame dhiyeenya walii galtee biyyoonni lamaan walii mallatteessa booda.

Har’a ibsa kan kennan dubbi himaan ministrichaa obbo Meles Alem akka jedhanitti walii galteen kun kan mallatteeffame muummichi ministeeraa H/Maariyaam Dessaaleny ennaa isaan wal ga’ii Beejiing irratti argamanitti ture.

wal ga’ii kana irratti jiloonni muummicha ministeeraa H/Maariyaamiin hoogganamu argamee jira. Wal ga’ii kanaa fi walumaa gala hariiroo Itiyoophiyaan Chaayinaa waliin qabdu irraa kan nuti hubannu yeroo mara mootummaa fi uummata Itiyoophiyaa cina kan dhaabattu michuu cimtuu ta’uu ishee mootummaan Chaayinaa mirkaneessee jra.

Hariiroon kunis cimaa fi dhiyeenyattis gara sadarkaa guddaa michummaa tarsiimootti guddachuun isaa hariiroon biyyoota lamaanii wal amantaa irratti kan hundaa’e ta’uu isaa mirkaneessa jedhan.

Itiyoopiyaan gama adda addaan Chaayinaa waliin hariiroo isheen qabdu sadarkaa sadarkaa dhaan guddataa adeemuun isaa ragaan ministrii dhimma alaa biraa argame beeksisee jira.

Akka ragaa sanaatti bara 2004 miliyoona 357 kan ture daldalli dinagdee bara 2015 keessa biliyoona 6.37 ga’ee jira. Dinagdeen daldlaaa kun giddu galeessaan waggaa waggaatti dhibba irraa 22.2n guddataa jiraachuu ragaan kun mul’isee jira.

Abbootiin qabeenya Chaayinaa projektiiwwan 624 irratti hojjechuu dhaan doolaara biliyoona 3.86 baasuu isaanii illee beeksisee jira.

Itiyoophiyaan bara 2012 keessa kan Chaayinaa fi biyyooti Asiyaa ka biroon kan hundeeffame miseensa baankii investmentii ta’uuin ishees ibsameera. Akka ragaa kanaatti Itiyoophiyaan miseensa baankii kanaa kan taate guyyoota 18 dura. Baankiin kun miseensota biyyoota 77 kan qabuu fi projektiiwwan bu’uura misoomaa ilaalchisee jiraniif deggersa maallaqaa kenna.

Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa Daran Cime
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:26 0:00

XS
SM
MD
LG