Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barataan Oromoo Qarooma Teknooloojii Ammayyaan Beekame Ammas Injifatee Jira


Finfinnee International Space Education Center
Finfinnee International Space Education Center

Barataa Saamuu’eel Margaa Nagaraa umriin isaa Kudha Saddeet.Barataa kutaa kudha lamaa yoo ta’u barnoota isaa kan rammaddiin qabxii olaanaa fiduun badhaasoota adda addaa argataa jira.

Gama kaaniin immoo Roobootii fi hojii Teknooloojii ammayyaa adda addaa hojjachuun biyya keessaa fi biyya alaatti dorgomuun milkaa’ee jira. Baatii lama dura biyya Hindii keessatti dorgommii namoota 70 hirmaachise keessaa tokkofaa ta’uun badhaasa waancaa, waraqaa ragaa fi Itiyoophiyaatti prezidaantii dhimmootii Hawaa jedhamuun muudamee jira.Kana malees bara dhufu jechuun 2018 Yunaaytid Isteetes keessatti dorgommii Naasaan Qopheesse irratti garee namoota diigdama of keessaa qabu hogganuun irratti akka hirmaatuuf afeeramee jira.

Dorgommii bara dhufu gaggeeffamu kanaaf ammaa kaasee qophiitti kan jiru ta’uus maallaqa barbaachisu argachuuf kan isa rakkise ta’u dubbata. Dhaabattoota isa gargaaran iyyaafachuu kan jalqabe ta’uus hin milkoofne.Kanaaf hunduu akka itti birmatuuf gaafataa jira.

Saamuu’eel Margaa Barataa Oromoo Qarooma Teknooloojiin Beekame
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:51 0:00

Kan isa waliin hojjataa jiran Injinar Iyyoob Hikaa hojiin ijoollee bara dhufu dorgommiif dhiyaatan filuu fi leenjiif gara biyya alaatti erguuf qopheessuu baatii Waxabajjii seenuuf jiru kanatti sochii jalqabna jedhu. Gama ooguma qabaniin akkasumas maallaqaan nu cina akka dhaabatan barbaanna jedhanii ijoolleen Oromoo biyya alaa keessa jiran dorgommii kanatti hirmaachuuf carraan jiraachuu ibsan.

Kana malees dame waajiira Hawaa hundeeffamuuf jiru kana biyyoota Awuroopaa fi Amerikaa keessatti banuuf karoorri akka jiruus ibsanii jiru.

Barataan Oromoo Qarooma Teknooloojii Ammayyaan Beekame Ammas Injifatee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:27 0:00

XS
SM
MD
LG