Xurree ittiin seenan

Dhukkubootaa fi Qorannaalee Haaraa Gaggeeffaman

  • VOA

Dhukkubootaa fi Qorannaalee Haaraa Gaggeeffaman

Hayyonni Saayinsii Yunivarsitii Pittsburg keessaa qorannaa haaraa gaggeessan vaayrasii HIV dhabamsisuuf abdii jiru jabeesse. kunis dawaa vaayrasii HIV qaama keessaa guuttuummaatti dhabamsisuu danda’uu argachuutti nama geessaa jedhu. Hayyonni saayinsii kun Qorannaa hatattamaan hojjatamu, gatii fi haala salphaan vaayrasii HIV irratti gaggeefamu argatan.Qorannaan kunis TZA jedhama.

Kunis vaayrasii HIV kan wal horuu danda’uu qaama keessa yoo jiraate kan agarsiisuu dha.Kana malees vaayrasii riphee qaama namaa keessa jiraatu meeqa akka ta’e baruuf gargaara.Malli qorannaa kanaa vaayrasii riphee jiru akka mullatu gochuun dawaa amma hojii irra olaa jiru ennaa fudhatan akka ajjesuu gochuu dha.

Gama kaaniin dhukkuboonni Baakteriyaan dhufan dawaa Antii Baayotiiks (Anti Biotics? Jedhamuun fayyuu dadhabuun addunyaa irratti rakkoo guddaa uumaa jira.Qorannaa dhiyeenya kana Kaaliforniyaa keessatti gaggeeffame dawaa eega hojjatamee hojii irra oole Vaankoomaaysin(Vancomycin) jedhamu waan irraa hojjatamee foyyeessuun humna fayyisuuf qabu akka dabaluu gochuu danda’anii jiru. Dawaa haaraa hojjachuu manna isuuma jiru jajjabeessuu ta’uu issti.

XS
SM
MD
LG