Xurree ittiin seenan

Breaking News

Saa'ud Arabiyaan Koolu Galtoota Seeraan Alaa Biyyaa Baasuuf Jetti


Saaud Arabiyaan Koolu Galtoota Seeraan Alaa Biyyaa Baasuuf Jetti
Saaud Arabiyaan Koolu Galtoota Seeraan Alaa Biyyaa Baasuuf Jetti

Mootummaan Saaud Arabiyaa koolu galtoota eeyama jireenyaa hin qabaanne adabi utuu irra hin ga’in biyyattii dhaa akka ba’an kan kaa’e yeroon baatilee sadii dhumachuuf guyyoonni 30 gad kan hafe ta’uun gabaasamee jira.

Baqattoota Saaud Arabiyaa jiran keessaa kanneen biyya ofiitti deebi’uu barbaanna, garuu maallaqi nuti akka deebinuuf gaafatamne nutti ulfaata jedhan haasofsiisnee jirra. Ministriin dhimma alaa Itiyoophiyaas dhimma kana ilaalchisuun deebii kennee jira.

Gama biraan dubbi himaan ministeera dhimma alaa Itiyoopiyaa obbo Meles Alem torban darbe waahila keenya Afaan Amaaraa Mestawit Araagawf akka ibsanitti walii galteen seera hojjetaa fi hojjechiisaa mootummaa Saud fi Itiyoophiyaa gidduutti mallatteeffamuu isaa dubbatanii walii galteen kunis mirga lammiiwwan Itiyoophiyaa eegsisa jedhan.

Mootummaan Saaudii fi Itiyoophiyaa Walii galtee hojiitti bobbaasuu mallatteessaniiru. Gama Itiyoophiyaatiin ministriin dhimmootii hojii fi hawaasummaa Abudlfattaa Abdullaahii gita isaanii kan Saaudii waliin walii galtee kana mallatteessan. Kun walii galtee guddaa ta’ee ilaalamuu qaba. Lammiiwwan keenya karaa seeraan alaa, karaa dallaaltotaa utuu hin taane, karaa kaampaanilee kontraata walii mallatteessanii, mirgi isaaii eegamee gara Saaud Arabiyaa dhaqanii hojjetanii akka fayyadaman kan taasisu walii galteen kun jedhan.

Yeroo mootummaan Saaud Arabiyaa koolu galtoota kanaaf kenneen wal qabatee Mootummaan Itiyoophiyaa lammiiwwan isaa biyya ofiitti deebisuuf kan gurmaa’e gareen jilootaa tattaaffii godhu kan itti fufu ta’uu isaaf hanga ammaatti Saudi keessatti kan hundeeffame waaltaalee itti galmaa’an torba keessatti lammiiwwan Itiyoopiya hedduun galmaa’uu isanii obbo Meles dubbataniiru.

Lammiiwwan baqattummaan jiraatanis biyyatti yoo deebine hojii hin qabnu, waan ittiin hojii jalqabnu illee hin qabnu jechuun komee isaanii dubbatu. Guyyaan kennamneef yoo xumurames xalayaan manneen namaatti ergamaa waan jiruuf haalli jiru yaaddessaa ta’uu isaa ibsanii mootummaan Saud Arabiyaa kanneen biyyattii gad dhiisanii hin ba’in irratti tarkaanfiin fudhatu hamma ammaatti hin beekamin jira.

Saaud Arabiyaan Koolu Galtoota Seeraan Alaa Biyyaa Baasuuf Jetti
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:05 0:00

Saaud Arabiyaa jiraataa kan turteef eeyama hojii kan hin qabaanne keessaa tokko haasofsiiseen jira.

XS
SM
MD
LG