Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nageenyi Dhabamuun Dinagdee Addunyaa Miidhe: Waaltaa Nageenyaa fi Dinagdee Addunyaa


Nageenyi Dhabamuun Dinagdee Addunyaa Miidhe: Waaltaa Nageenyaa fi Dinagdee Addunyaa
Nageenyi Dhabamuun Dinagdee Addunyaa Miidhe: Waaltaa Nageenyaa fi Dinagdee Addunyaa

Heddummaachuu isaanii irraan kan ka’e lakkaa’uun kan hin danda’amne Reeffi namootaa haleellaalee dhiiga dhangalaasisan jeequmsa fi waaltaalee siyaasaa irratti aariin belbele US dabalee waggaa darbe qofaa dinagdee addunyaa irraan kisaaraa laka’amu geessisee jira jedha waaltaan dinagdee fi nageenya addunyaa. Miseensa waaltaa kanaa kan ta’an Michelle Bresloor VOA dhaaf gama eskypn akka ibsanitti nageenyi addunyaa fooyya’aa adeemus fakkeenyaaf US, giddu galeessa bahaa fi naannolee Kaaba Afriikaa keessaa garuu boora’aa adeemuu isaa argina.

Biyyoota nageenya qabanii fi nageenyi keessatti hin mul’anne gidduu adda aduummaan jirus dabaleera. Kana jechuun nageenya naannoo addunyaa jiru gidduu adda addummaa guddaatu jira jechuu dha jedhan.

Breslauer itti dabaluu dhaan adda addummaan siyaasaa US keessaa erga filannoo prezidaantummaa bara 2016 ajjeechaa poolisii fi haleellaan shorokeessotaa dabalamee nageenyi Ameerikaa isa kana duraa irraa akka gad bu’u ta’ee jira.

Akka madaala nageenyaatti jedhan Michelle, sadarkaan US irra turte 11n gad bu’eera. Qorannaaleen biyyoota irratti geggeessaman biyyoota 163 keessaa US 114ffaa irra jirti. Kunis kan ta’e walitti bu’iinsi US keessaa yeroo dhaa gara yerootti hammaataa adeemuu isaanitiinii jedhan.

Fakkeenyaaf sochiin blacks life matters jedhu kan eegalame illee hookkara poolisii mormuu irraan kan ka’e jedhan Michelle.

Gabaasi nageenya addunyaa madaalu haaraan kun akka agarsiisutti biyyoota 23 keessatti seenaa keessatti sadarkaan shorokeessummaa dabalee jira. Awrooppaan haleellaalee Ferensaay, Brussels fi London keessatti raawwatamaniin miidhaan guddaan dhaqqabu iyyuu naannoleen kun kanneen nageenyi keessa buufatani. Siiriyaan waggoota shan walitti aanuuf addunyaa irraa biyya nageenyi isee akkaan gad bu’aa ta’uu gabaasichi ibsee jira.

Nageenyi Dhabamuun Dinagdee Addunyaa Miidhe: Waaltaa Nageenyaa fi Dinagdee Addunyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:41 0:00

XS
SM
MD
LG