Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroo Afrikaa Waliin Cimsachuun Ameerikaaf  Yoomiyyuu Caalaa Barbaachisaa Dha, Jedha Aangawoonni Ishee


Kid Rooyis, koree hariiroo alaa, ka mana-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteets irras
Kid Rooyis, koree hariiroo alaa, ka mana-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteets irras

Addunyaa irratti biyyoota shaffisaan guddataa jiran 10 keessaa 3 Afrikaa keessatti argaman. Sadarkaan IMF baase akka agarsiisutti biyyoonni Afrikaa lama ka biroon immoo, biyyoota kurnan shaffisaan guddatanitti dhihoo jiran. Kana tu hariiroo Yunaayitid Isteets Afrikaa waliin qabaattu ka yoomii iyyuu caalaa hedduu barbaachisaa taasisa. Koree hariiroo alaa, ka mana-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteets irraa – Ed Rooyis akkana jedhu.

Hariiroon Yunaayitid Isteets Afrikaa waliin qabdu, tarsiimoo dantaa ti. Waa’ee gargaarsa namoomaa hatattamaa kennuu qofa otuu hin taane, waa’ee dantaa dinagdee keenyaa, dantaa siyaasaa keenyaa, dantaa nageenya keenyaa tarkaanfachiisuu ti. Yeroon kun, yeroo gara boodaatti irraa deebinu miti. Keessumaa yeroo biyyoonni akka Chaayinaa ardittii keessatti akka jabaatti invest gochaa jiranitti, jedhu.

Manni-maree bakka-bu’ootaa yokaan Kongresiin Yunaayitid Isteets, wixinee seeraa, Afrikaa keessatti proojelktiilee humna eletrikii babal’isuutti fuuleffate, kan “Electrify Africa Act” jedhu raggaasisee jira. Kana malees, ka Yunaayitid Isteetsii fi Afrikaa gidduutti daldalaa fi investmentii babal’isuutti fuuleffate – seera duraan ba’ee ittiin hojjetamaa ture, “AGOA” jedhamu, irra deebi’ee raggaasisee jira.

Kan Afrikaa Kibbaa keessa maadheffate - dhaabbata Misooma Industrii irraa Maark Gooliyaat, waa’ee faayidaa seericha “AGO” jedhamuu akkanatti ibsan.

Afrikaa keessatti, walii-galteen AGOA biyyoota Afrikaaf carraa kenneen jira. Biyyoonni akka Itiyoophiyaa fi Keeniyaa, Moorishees, Lesuutuu fi Swaazilaand walii-galtee kana simatanii, oomishaalee isaanii gara gabaa Ameerikaatti ergatanii jiran, jedhan.

Yunaayitid Isteets tahe Chaayinaa yokaan biyyoota biroo waliin, yeroon itti Afrikaan ofii ishee hariiroo alaa barbaaddattu amma akka tahe dubbatu – beektonni.

As Yunaayitid Waashington DC ka jiru – Hawaard Yunivarsitii irraa, Mohaammed Salihuu Kamaaraa ennaa dubbatan, Afrikaan warra michooma isheef itti dhufan simachuu otuu hin taane, ofii michoota barbaaddachuun dantaa ishee eeggachuu fi tarkaanfachiisachuuf akka ishee gargaaru dubbatan.

XS
SM
MD
LG