Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Walii Galtee Jijjjiirama Qilleensaa Keessaa Ba’uun Afriikaa Miidhuu mala


Ameerikaan Walii Galtee Jijjjiirama Qilleensaa Keessaa Ba’uun Afriikaa Miidhuu mala
Ameerikaan Walii Galtee Jijjjiirama Qilleensaa Keessaa Ba’uun Afriikaa Miidhuu mala

Prezidaant Doonaald Traamp walii galtee jijjiirama qilleensaa kan paaris keessaa US akka baatu murtii isaan murteessan Afriikaa irratti dhiibbaa hamaa qabaachuu kan danda’u ta’uu ardittii keessa kanneen jiraniif waa’ee jijjiirama qilleensaaf falman ibsanii jiru.

Afriikaa kibbaatti gargaarsa maallaqaa kan dhimma bineensa daggala addunyaaf itti gaafatamaa kutaa imaammataa kan ta’an Saaliim Faakiir US biyyoota guddataa jiraniif tooftaa fi teeknooloojiwwan haala qilleensaa akka hin miidhamne ittisan beeksisuuf kan turte maallqi “Green Fund” doolaarri biliyoona lama kan ta’u hafuun miidhaa guddaa akka dhaqqabsiisu illee ibsaniiru.

Mootummoonni Afriikaas murtii Mr. Traampitti gadduu isaanii ibsanii jiran. Prezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaamaa US dhimmootii addunyaa keessaa bakka murteessaa qabdu dabarsitee kennite jechuun qeeqan. Mootummaan Afriikaa kibbaas murtii US cimsiee balaaleffatee jira. Gabaasa Steve Baragona fi Jesusemen Oni Namotu dhiyeessa.

XS
SM
MD
LG