Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaan Dr Mararaa Guddinaa Irratti Dhiyaate Kan Yakka Idilee, Ragaan Dhiyaate Garu Kan Labsii Shoroorkaati:Abuukaatoo


Dr. Mararaa Guddinaa
Dr. Mararaa Guddinaa

Manni murtii Fedeeraala Olaanaan kan Lidataa dhaddachii 19ffaa har’a himata Dr Mararaa Guddinaa irratti dhiyaate kan ilaaleen iyyata abuukaatotaa fi abbaa alangaa biraa dhiyaate dhaggeeffatee murtii kennuuf saganteeffatee ture. Abukaatoo Dr. Mararaa keessaa tokko kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa akka jedhanti Dr. Mararaa Guddinaa irratti himannaan dhiyaate kan yakka idilee ta’e ituu jiruu waraqaan akka ragaatti dhiyaatee fi fuula dhibba hedduu qabu labsii shoroorkeessummaa irratti kan hunda’ee ta’uun sirri miti jechuun falman.

Kana malees Dr. Birhaanuu Naggaa, Obbo Jawaar Mohammad, Televiziyoonni Isaat(ESAT) fi Oromoo Midiyaa Neet Wark (OMN) himannaa shoroorkaa fi yakkaan himatamanii ituu jiranii kan yakka qofaan himataman Dr. Mararaa waliin galmee tokkoon himachuun sirrii miti jechuun dhaddachatti iyyachuu ibsan Obbo Wandimmuun.

Gama kaaniin nama biyya keessa hidhamee jiruu fi nama biyya alaa keessa jiraatu wal duukaa himachuun hanga jarrii alaa ykn bakka buutonni isaanii barbaadamanii mana murtii duratti dhiyaatanti Dr Mararaan mana hidhaa keessa akka turan waan dirqisisuuf jecha galmeen Dr. Mararaa qophaatti akka ilaalamuu gaafatan.

Manni murtiis himannaa Dr. Mararaa fi ragaa dhiyaate irratti dogoggorri akka jiru ibsee akka sirraa’ee dhiyaatu akkasumas warri biyya alaa keessa ituu jiranii himannaan irratti dhiyaate lameen lubbuun jiraachuu isaanii mootummaa biyya keessa jiranii gaafachuun akkasumas dhaabbattonni maqaa dhahaman Isaat fi Oromoo midiyaa Neet wark seeraan kan beekaman ta’u abbaan alangaa adda baasee Waxabajjii 13 bara 2009 akka dhiyeessuuf ajaja kennee jira.

Himannaan Dr Mararaa Guddinaa Irratti Dhiyaate Kan Yakka Idilee, Ragaan Dhiyaate Garu Kan Labsii Shoroorkaati:Abuukaatoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:39 0:00

XS
SM
MD
LG