Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaa Sudaan Kibbaa Yeyi Riivar Jedhamu Keessatti Lola Dhaabinsi Tolfame


Kutaa Yeyii Riivar, Sudan Kibbaa
Kutaa Yeyii Riivar, Sudan Kibbaa

Walii galteen nageenya kutaa Yei kan dhaga’ame koreen gamtaa waraanaa, lolaaf wal barbaaduun akka dhaabatu, lola dhaabinsa dhaabbataan akka tolfamu fi marii dhimma biyyoolessaa akkasumas daandiin gama magaalaa Yei kan Sudaan kibbaatti geessuu fi baasu akka banamu ilaalchisuun guyyoota afuriif Kampaalaa keessatti erga mari’atnaii booda.

Walii galtee ijoon waraanni bilisummaa uummata Sudaan lola dhaabinsi dhaabbataa ta’e akka labsamu fi gareelee lamaan kutaan Yei dirree waraanaa akka hin ta’in akka mirkaneeffatan walii galuu isaa ti.

Brigadier General Hillary Edson Yakani SPLA kan bakka bu’an ennaa ta’u fedhii garee isaanii hanga tokko ibsanii jiru

Rakkoo kedduun jiraachuu isaa arginee jirra. Keessumaa amala miseensota waraanaa hanga tokkoo kanneen taayitaa qaban seeraan ala itti fayyadaman fi lammiiwwan keenya dararan. Kanaaf fedhiin keenya inni guddaan mootummaan waraana biyyoolessaa yaada madaalawaa qabu kandhugumatti uummatichaaf kabajaa qabuu fi waraana irraa maal akka eegamu kan beeku akka hundeessu jedhan.

Jaarsa araaraa ijoo kan ta’an Major General Marshal Stephen Babanen akka jedhanitti walii galteen dilbata kaleessaa mallatteeffame torbanneen 18 keessatti hojii irra kan oolu si’a ta’u kunis ripxe loltoota duraanii waraana biyyoolessaatti makuu of keessaa qaba.

Ennaa walii galtee kanaa fi lolli dhaabbataan akka tolfamu mallatteessinu kanatti gara naannoo itti deebi’anii gurmaa’auuf qophaa’anitti geessamu. Kunis torban tokkoo hanga lamaa isaan fudhata. Sana booda torban jedhame kana keessa naanoo deebi’anii gurmaa’an dhaqu.

Kutaa Sudaan Kibbaa Yeyi Riivar Jedhamu Keessatti Lola Dhaabinsi Tolfame
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:08 0:00

XS
SM
MD
LG