Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Abbaa Alangaa Federaalaa Duraanii Daayriktera FBI Gochuun Moggaasufu Jiru


Traamp Abbaa Alangaa Federaalaa Duraanii Daayriktera FBI Gochuun Moggaasufu Jiru
Traamp Abbaa Alangaa Federaalaa Duraanii Daayriktera FBI Gochuun Moggaasufu Jiru

Prezidaant Doonaald Traamp har’a ibsa tweeter irratti maxxansaniin bakka direktera FBI duraanii James Comey abbaa alangaa federaalaa duraanii Christopher Wray kaadhimuuf kan jiran ta’uu beeksisan.

Labsiin prezidaantichaa ka dhaga’ame Comey-n koree basaasaa Senetii duratti dhuga’a ba’umsaaf dhiyaachuu isaanii guyyaa tokko dura.

Comey-n dhima Raashiyaan filannoo prezidaantummaa kan bara 2016 jidduu seenuuf kan Comey-n qorannaa sana akka dhaabaniif Traamp yaalii godhan ilaalchisee gaafatamuuf jiru jedhamee eegama.

Koreen sun Mooskoo fi garee Traamp gidduu hidhati jiraachuu isaa illee ni qorata.

Kan bakka Comey akka bu’aniif kaadhimaman Wray-n bara 2003-2005tti jechuun ennaa bulchiinsa George W. Bush kutaa yakka qoratu kan ministrii haqaa hoogganaa turan.

XS
SM
MD
LG