Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirtoonni Moskoo Keessatti Hidhaman


Hiriirtoonni Moskoo Keessatti Hidhaman
Hiriirtoonni Moskoo Keessatti Hidhaman

Polisiin Raashiyaa hogganaa mormituu kan ta’e Alexei Navalny fi deggertoota isaa hidhanii jiru.Isaanis prezidaantii Raashiyaa Vladmir Putiin fi wal taatoota isaanii irratti har’a hiriira mormii ba’aa turan.

Navalany waggaa dhufu prezidaantummaaf Putiin waliin akka dorgoman kan labsan yoo ta’u hiriirtoonni ituu daandii irratti hin ba’iin dura mana isaanii Moskoo keessaa cinatti qabamanii hidhaman.

Hiriirtoonni hedduun hidhamuu isaanii oduu gabaastoonni ijan kan argan yoo ta’u jaarmayaan kan mootummaa hin ta’iin tokko hiriira kana hordofaa akka tureetti Moskoo keessatti namnii 120 ta’an hidhamanii jiru.

Pitarsburg keessatti immoo 130 caalaatu hidhame.Namoonni kuma 3 caalaan magaalaa adda addaa keessatti hiriira mormii kana ba’anii jiran.

Polisiin Moskoo keessatti hiriirtoota irratti waan akka mimmixaatti ija bubuu bifee jira.

XS
SM
MD
LG