Xurree ittiin seenan

Biyyatti Gallus Kan Nu Eeggatu Hoji Dhabulummaa Dha: Koolu Galtoota Saaudii Keessa Jiraatan

  • Tuujubee Horaa

Biyyatti Gallus Kan Nu Eeggatu Hoji Dhabulummaa Dha: Koolu Galtoota Saaudii Keessa Jiraatan

Koolu galtoonni Saaud Arabiyaa keessa jiraatan biyyattii dhaa akka ba’anii kan mootummaan labse yeroon guyyoota 90 dhumachuuf kan hafe xiqqoo dha.

Qophii keenya kana duraa irratti namoota biyyatti deebi’uu fedhan dubbisnee rakkoo nu mudate jedhan illee gabaasuun keenya ni yaadatama.

Komee isaan dhiyeessan keessaa gatiin tikeetii xayyaaraa gaalii ta’uu isaa fi embasiin Itiyoophiyaa Saaudii jiru sirriitti nu hin keessummeessu kan jedhu ture.

kanneen Saud Arabiyaa keessa jiraachuuf eeyama kan hin qabaannee fi biyyatti deebi’uu hin barbaanne illee ni jiran. Mootummaan karaa embaasii isaa Sa’udii jiruutiin biyyatti akka galluuf haala mijeesseera jedhus abdiin nuu kenname duwwaa dha jedhu baqattoonni kun.

Biyyatti yoo deebines kan nu eeggatu hoji dhablummaa waan ta’eef asuma teenyee waan nu irra ga’u eegnaa jedhu. Daandiin qilleensa Itiyoophiyaas haala koolu galtoonni kun itti galan mijeessuu gargaaruuf lakkoobsa xayyaarota gama sanatti balal’ianii dabaleen jira jedha.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG