Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ittiin Ka’umsi Waraana Sudaan Kibbaa Furamuu Qaba: Miseensa Mana Maree Ameerikaa


Ittiin Ka’umsi Waraana Sudaan Kibbaa Furamuu Qaba: Miseensa Mana Maree Ameerikaa
Ittiin Ka’umsi Waraana Sudaan Kibbaa Furamuu Qaba: Miseensa Mana Maree Ameerikaa

Jilli mana maree bakka bu’oota uummataa Ameerikaa waraana Sudaan kibbaa keessaa dhaabanii baqattoota gama Ugaandaatti yaa’uu dhaan hanqina nyaatan rakkataa jiran gargaaruuf maal ta’uun akka irra jiru mari’atanii jiran.

Bakka bu’aan mana marii Chris Smith kana kan dubbatan torban darbe Afriikaa waaltaa daawwatanii erga deebi’anii booda.

Gaaffii kanaaf deebii kan ta’u jedhan Chris Smith, paartilee Sudaan Kibbaa kanneen wal fincilan keessumaa mootummaa fi waraana isaa kanneen daandii gargaarsi nyaataa uummataaf akka hin geenye danqu, akkasumas humnaan gudeeddii akka meeshaa waraanaatti gargaaramuun fixiinsa gosootaa irratti bobba’uun himataman ilaallata jedhan.

Hundeen rakkoo kanaa rukutamuu qaba kan jedhan Smith kun ergaa cimaa ani Prezidaantii Sudaan Kibbaa Salva Kiiriif dabarsu jechuun VOAf ibsaniiru.

Kun xumura argachuu akan danda’u yoo fedhiin siyaasaa yoo jiraate jedha Smith.

Smith bakka bu’aa mana maree demokraaticha kutaa Kaalifoorniyaa Karen Bas waliin ta’uu dhaan daawwannaa guyyoota torbaa Sudaan Kibbaa fi Ugandatti geggeessuu dhaan mooraalee baqattootaa daawwatanii prezidaantota biyyoota lamaanii, hoogganoota waraanaa fi amantii waliin mari’atanii deebi’an.

XS
SM
MD
LG