Xurree ittiin seenan

Raamoon boqqoolloo fi misingaa nyaattee qancarsitu barana gudduma biyyatti baafattee Oromiyaa godina 18 keessatti argan

  • Soraa Halakee

Raammoo akkanaa Itoophiyaa keessaa midhaan qarxii kuma 146 irratti argan

Tokko haga lamaa taatee mdihaan nyaattee qancarsiti. Haga ammaatti Itoophiyaa naannoo gara jaha keessatti argan. Oromiyaa keessaa ammoo godina 18 keessa jirti.

Raammoon “Raammoo Amerikaa” jedhan ta ji’a diqqaan duratti Itoophiyaa fulaa hedduutti argan akka bulchootii mootummaa jedhanitti harkaa nama bahuu baattullee lafa midhaanii qarxii hedduu irratti argan.

Akka oduu ministera Qonna Itoophiyaa irraa argannetti Itoophiyaatti namii haga guddaan boqqoolloo ykn baadallaa facaafata.Lafti baadallaa qarxii miliyoona tokkooti.Raammoon tun lafa qarxii ykn hektaara kuma 146 keessa jiriti.

Obboo Mangistuu Olii ogeessaa qonna Oromomiyaati. Isaa fi miilotii isaa fulaa hedduun yaa’anii qonnaan bulaan raammoo tana ufi irraa dhowwan gorsanii,raammoollee hin qoratan.

“Raammoon tun jalqaba naannoo Kibbaa keessatti Gurrandhalaa 25 argamte ji’aan booda Bitootessa 25 Jimma aanaa Shabee Sombootti argamte-daangaa Kibbaatiin walti dhiyaataa- Oromiyaa godina 18 keesatti argamte,”jedha.

Akka jecha obboo Mangistuutti ummatii raammoo tana mala ufiitiin harkaan midhaan irraa guurratee ufi irraa dhowwuutti jiraa mootummaallee kemikaala raammoo tanatti biifan ummataa qoodee gargaaruutti jiraa jedha.

Akka obboo Mangsituun naannoo Oromiyaa ka akka Harargee Bahaa aanaa Fadis, Kombolchaa, Arsii Dhiyaa ,Jimmaa,Shawa Bahaa Amboo,Iluu Abbaa Booraa fi gara garaa deemee arge jedhetti raammoon tun ammatti harka nama hin baane.

Taatullee haga ammaatti midhaan gosa 100 caalaan irratti argan.Raammoo akkanaa tun Itoophiyaa keessaa naannoo Amaaraa, Ummata Kibbaa,Tigraayii fi naannoo Amaaraa keessalleetti ya argan taatullee ufi irraa dhowwuutti jiran jedhan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG