Xurree ittiin seenan

Oromiyaatti nama hedduutti dilaala(gibira) guddaa nutti daran jedhee himachuutti jira

  • Soraa Halakee

Faayilii- Gabaa Markatoo, Finffinnee, 2015

Itoophiyaatti barii gibira gannaa itti guuran ji’a dabre jalqabe ammallee ittuma jiran.Oromiyaa nama hedduutti gibirii ykn dilaalii haga nutti dabre jedhee himachuutti jira.

Akka namii jarii Finfinnee ollaa Boolee Kiflee Ketemaa dubbifne jedhutti suuqii diqqoo figuddoo hin jedhanii, hoteelii diqqoo guddoo hin jedhanii irruma yaa'anii gibira namatti muran.

“Galii isaanii fi gibirii isaan irra kaahan wal hin fakkaatu,”jedha namii Boolee dubbifne tokko.

Nama suuqii diqqoo keessaa guyyaatti qarshii 100 hin arganne 3,000 argatta jedhaniin gibira itti muran jedha namii kun.

Namii gibira itti daran maqaa isaa alatti maxxansanii achii laallata.Namii Shawaa Bahaa magaalaa Adaamaatii dubbifne ammoo “nama karaa irratti meesha didiqqoo guurguu kaase haga suuqii gugurdoo qabu hunda gibira itti dabalan.”

Namii durii qarshii 2,000 baasu ka amma haga qarshii 8,000 baasulleen hinuma jiraa jedha.“Hojjattoota mootummaa malee namni seeraan gibira baasuutti jiru hin jiru.”

Itoophiyaatti sadarkaan gibira itti baasan A, B,C jedhanii baasan.Warrii A jala jiru ka horii guddaa baasu.Horii baasan kana wanni namii baasu jiraannaan Baankii Daldala Itoophiyaatti galchan.

Akka itit gaafatamaan odeeffannoo mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Addisuu Araggaa sabqunnamtii hawaasaa irratti barreesse jedhanitti mootumaa naanoo Oromiyaa rakkoo namii himate jala kaasee haga gubbaatti qubuma qabaa karuma seeraatiin fala itti barbaada.

“Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii fi komii uummta keenyaa ka'a turanii fi ka'aa jiran hiikuuf yeroo kamiin olitti kutannoo cimaadhaan halkanii fi guyyaa hojjetaa jira.”

Aaddee Netsaanneti Aberraa abbaa taayitaa galii biyya keessaatii fi gumurukii Itoophiyaatti gibbira Finfinneetti damee misoomaatii fi sagantaatti itti aantuu daaarekteraati.Akkan jetti.

Gibira kana ganna 6n duubatti qoranne.Namii Finfinnee haga ammaa tilmaamuma galii innii guyyaatti argatu bara 2003 keessa itti muraniin gibira baasuutit jira.

Bara 2003 fi bara 2006 daldalii, magaalii, biyyitilleen waan guddon guddatte. Namii amma gibira bara 2003 itti baasaa bahe bara 2009 keessallee baasuu fedha.Tana wannii nu dhagahuutti jirru.Tun tahuu hin mallee hin taatullee.Gibiraa fi qaxaratti natti guddate jedhee namii himatu ragaa qabatee dhiyaachuu dandaha.Kana MEDIA irralleetti ya dubbanne,”jetti.

Akka jecha aaddee Netsaannetitti suuqiin diqqoo qabaachuu fi guddoo qabaachuun galii diqqeessitii ykn ammoo galii guddifti jechuun hin dandahamu.

"Fkn Markaatoo yo laaltu suuqii diqqoo tokko qaba taatullee mi’a biyya alaatti ergaa, gali guddoo argataa waan hedduu qaba.Kanaaf suuqiin diqqoo waan taateef galiin diqqoo jechuun nama dhiba.FKN nama galii birrii miliyoona tokko argatu qarshii kuma 19 qofa baasa.Namuu akka kanaan laallee itti murre,”jettee fkn Finfinnee dubbatte.

Akka jecha daarektera tanaatti hojjataaan tokko qarshii 100,000 gannatti argatu gibiraa fi qaraxa 30,000 qofa baasa daldalaan gannatti birrii miliyoona 1 argatu birrii kuma 19 qofa baasa.

Namii gibira natti guddattee jedhu yoomiyyuu oli iyyachuu dandahaa jetti aaddee Netsaanneti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG