Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Saala Ittiin Dhalataniin Beekamuu Hin Feene Miseensa Waraanaa Hin Ta’an Jedhan


Prezidaant Doonaald Traamp namoota saala dhaloota isaaniin beekamuu hin barbaanne ykn Transgender jedhaman humna waraana biyya isaanii keessa tajaajiluun ni dhaabata jedhan. kuni kan Prezidaantichi duraanii Baaraak obaamaan waggaa tokko dura kan isaan miseensa waraanaa akka ta’aniif imaammata baasan diiga.

Prezidaant Traamp ergaa twiterii erganiin akka jedhanitti jeneraalota koo fi hayyoota dhimma waraanaa waliin ergan mari’adhee booda namoonni akkasii loltummaan akka isaan hin tajaajille akka dhaabatun ajaja jedhan.

Traamp waa’ee murtii isaanii ennaa beeksisan yeroo ammaa humna waraanaa Ameerikaa keessaa tajaajilaa kanneen jiran namoonni Trasgender ykn saala uumamaan beekamuu hin feene kuma 4 ta’an hireen isaanii maal akka ta’e hin dubbanne.

Dubbi himtuu White House kan ta’an Sara Huckabee yeroo ammaa hojii irra kan jiran hireen namoota kanaa karaa seraan murteessuuf Traamp ministeera ittisaa waliin hojjechuu qabu jechuun dubbataniiru.

Angawaa gamiisa waraana US kan ta’an general Joseph Dunford akka jedhanitti imaammata waraanaa kan namoota saala uumaan kenneefiin beekamuu hin feenee hanga qajeelfamni prezidaantii ministeera ittisaa Jim Mattisn ga’ee raawwatiinsi isaa beekamutti waan jijjiiramu hin jiru jedhan.

XS
SM
MD
LG