Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera Tumtoonni Ameerikaa Raashiyaa, Iraan fi Kooriyaa Kaabaa Irra Uggura kaa’uuf Walii Galan


Seera tumtoonni US uggura haaraa Raashiyaa, Iraan fi Kooriyaa irra kaa’uuf walii galtee daandii saaqu irra ga’uu dhaan akka raggaasisaniif Prezidaant Doonaald Traampitti erganii jiran.

Walii galtee sana kaleessa kan labsan Senaator Bob Corker turan. Walii galteen sun kan irra ga’ame hoogganaa mana maree bakka bu’oota uummataa Kevin McCarthy waliin erga mari’atanii booda ta’uu beeksisan.

Corker duraan uggura Kooriyaa Kaabaa irra kaa’amu mormanii turan. Booda irra garuu mormii isaanii kaasuu dhaan manni maree bakka bu’ootaa irratti kan hojjetan ta’uu dubbatan.

Serri ba’e kongresiin tarkaanfii prezidaantiin uggura sana dhaabsisuuf godhan fudhatama akka dhabsiisu aboo kennaaf.

XS
SM
MD
LG