Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beekaan Oromoo Ida'oo Boruu Yunaaytid Isteets Keessatti Du'an Boqatan


Eda'oo Boruu
Eda'oo Boruu

Seenaa Oromoo baay’ee beekuu fi yaadachuudhaan uummata biratti kan beekaman Obbo Eda’oo Boruu torban darbe kana gaafa Adoolessa 18 bara 2017 as US kutaa Tennesee magaalaa Noksviil keessatti du’aan boqotan. Maatii isaaniitiif gadda nutti dhaga’aame ibsaa, hiriyootaa fi namoota isaan beekan keessaa hanga tokko, qophii har’aatiif haasofsiisnee jirra. Raadiyoo karaa Interneetii tamsaasamu as kutaa CA jiru “Finfinnee Radio” jedhamuu fi hoji geggeessaa ka ta’an obbo Derejjee Daadhii, biyya beeljiyeem, magaalaa Antiwerpen irraa, Dr. Getaachew Jigii akkasumas, kutaa Kaalifoorniyaa irraa Obbo Teessoo Namarraa dubbisne.

Beekaan Oromoo Ida'oo Boruu Yunaaytid Isteets Kessatti Du'an Boqatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:14 0:00

XS
SM
MD
LG