Xurree ittiin seenan

Breaking News

Soddaa fi Gorsaan Prezidaant Traamp Har’a Koree Tika Nagaa Seneetaa Duratti Dhiyaatan


Yeroo duula filmaata prezidaantii Amerikaa isa darbee fi sana boodas yeroo afuur aangawoota Raashiyaa waliin wal arguu isaa Yaared Kushner ibsee jira.

Garu waan isaan waliinis ta’e mootummoota biyya alaa biroo wajjiin hojjadhe hin qabu jedhe.Kushner har’a koree tika nagaa ykn basaasa kan senetaa cufataan ragaa dhaggeeffatu duratti ituu hin dhiyaatiin ibsa fuula 11 qabu ifa godhe.Kibxata borii immoo koree tika nagaa kan mana mree duratti dhiyaachuuf jira.

Qaamnii kongreesaa kun lameen Raashiyaan deemsa filannoo prezidaantii Amerikaa darbee keessa harka qabdi yoo ta’eef qorataa jira.

Galmee fi ragaan an dhiyeessaa jiru kun yeroo duula filannoo fi ce’umsaatti sana bakka bu’oota Raashiyaa kuma hedduu keessaa afur waliin qunnamtii qabaachuu koo agarsiisa malee filannoos ta’e waan addaa tokko irratti dhibbaan jiraachuu kan agarsiisuu miti jedhe Kushner barreefama isaa irratti.

Amerikaatti Ambaasaadara Raashiyaa waliin yeroo gaggbaabaaf irra deddebi’ee wal argaa akka ture kunis haariiroo biyyoota lameenii foyyeessuu irratti kan qiyyafate akka ta’e ibse.

Garu bilbilaan waan hedduu odeessan jechuun kan sabaa himaan gabaasan soba jedhe.

XS
SM
MD
LG