Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’insi Israa’elii fi Falastiinotaa Wal-muddinsa Uumee Jira


Jerusaaleem bahaa keessa gandeen jiran keessatti Jimaata har’a walitti bu’iinsa uumameen lammiin Falisxinootaa tokko ajjefamuu ministriin Faalisxinootaa beeksisee jira.

Ministriin kun akka jedhutti ajjechaan kun naannoo Ras Al-Amud jedhamu keessatti kan raaw’atame yoo ta’u eenyu akka dhukaasee ajjeese garuu hin ibsine.

Magaalaa Jerusaalem, bakka “Old City” yokaan magaalaa Dullattii jedhamtu fi Israa’eloonni immoo “Temple Mount” yokaan “Gaara Waldaa” jedhan keessatti kan argamu Masjiida Alasqaa biratti, falasxiinonni poolisoota Israa’el wajjiin walitti-bu’an. Torban tokko dura hidhattoonni Arabaa sadii polisoota Israa’el lama eega bakka sanatti ajjeesanii booda, Israa’el meeshaa sibiila adda-baasee saaxilu bakka sana dhaabuu ishee mormuudhaan, hoogganoonni guyyaa mormii kana waaman.

Hookkara sana sodaachuu irraa kan ka’e, Falastiinonni umuriin isaanii shantamaa gad ta’e har’a akka masjiida sanatti hin salaatne yokaan hin sagadne dhorkaa goote. Falastiinonni masjiidicha irraa deebisaman hedduu aaran.

Walitti-bu’insi Israa’elii fi Falastiinotaa Wal-muddinsa Uumee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:49 0:00

XS
SM
MD
LG