Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waayit House Qorannaa Gaggeessaa Jira Jedhama


Dhimma Raashiyaa qorachuuf kan hudeeffame kaawunsilii addaa kan Robert Muller qorannaa gaggeessaa jiru gatii dhabsisuuf jecha gargaartonni prezidaant Traamp gama isaaniin qorannaa gaggeessaa kan jiran ta’uun beekamee jira.

Kanas kamiisa kaleessaa gabaasa ba’antu beeksiise.Prezidaant Traamp gargaartoonni isaa, maatii fi ofii isaa iyyu waan gochuu malan hin godhiin hafuu isaaniif dhiifama gaafachuu yoo hin danda’aa ta’e gorsitoota ofii gaafataa jira.

Kanas Gaazeexaan Waashingtan Postii tu nama kana keessaa beeku tokko waabeeffachuun gabaase.Namnii biraa ka lammataa akka waashingtan Postiif akka ibseetti abukaatoleen Prezidaant Traamp walii isaanii giddutti Traamp dhiifama gaafachuuf aangoo qaban irratti duddubachaa jiru.

Gazexaan Neew York Taayims akka gabaaseetti gargaartoonni prezidaantichaa ooguuma qorattonni qabanii fi duddubbee siyaasa isaanii qorachaa jiran.Kunis bu’aa ofiif jecha wanni godhamu yoo jiraate ba’iin qorannaa kanaa fudhatama dhabsisuuf ykn mulleriin yakkamaa gochuuf haala mijeessuuf akka ta’e ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG