Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seneetariin Yunaayitid Isteets Joon Mikkeen Kaanserii Sammuu Yaallamaa Jiran


Miseensi mana-maree murtii-seeraa yokaan Seneetariin Yunaayitid Isteets – Joon Mikkeen, kaanseriin sammuu isaanii keessatti argamuu Hospitalli Kilinikii Maayoo, ka magaalaa Fiiniks keessaa kaleessa beeksisee jira.

Kan umuriin isaanii waggaa saddeettamaa – Seneetarri Arizoonaa kun, torban dabre keessa, ititaa dhiigaa seniti-meetira shan tahu, kan ija isaanii gama bitaa duubatti argame basisuuf yeroo wal’aansa baqaqsanii hodhuuf hospitaalicha seenanitti kaanseriin sammuu lubbuu galaafatu mataa isaanii keessatti argame – jedhama.

Qorannaan geggeessame akka agarsiisutti, tumeriin yokaan xannachi keessatti sun ititaa dhiigaa ija isaanii duubaa baasame sanatti hidhata qaba.

Ka goota waraana Veetinaam turanii fi seneetii Yunaayitid Isteets keessa waggoota soddomaaf tajaajilan – Joon Mikkeenii fi maatiin isaanii, mala wal’aansaa ka biraa – kan Kiimoo-traappii fi qaanqee fudhachuutti yaadaa jiru – jedhama.

XS
SM
MD
LG