Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Keenyaa dhiyaachuu jirtuun duratti ‘oduu dharaatti’ lafa qabate


Filannoo Keenyaa dhiyaachuu jirtuun duratti ‘oduu dharaatti’ lafa qabate
Filannoo Keenyaa dhiyaachuu jirtuun duratti ‘oduu dharaatti’ lafa qabate

Keenyaan guyyaa 20 keesatti bulchootaa haaraa filatti. Akka dhaabbilee fi ogeeyyotii jedhanitti oduun dharaalleen laakkuma filannoon dhiyaachaa dhuftuun lafatti baafachaa deemti.

Akka gaazexeessituun VOA Lenny Ruvaga Naayroobii jirtu dhaabbilee odeeffannoo Portland Africa fi GeoPoll maqeeffattee gabaastetti Keenyaatti nama harka 90tti waan filannoo Keenyaa oduu dharaa caqasuutti jira.

Caamsaa dabre keessaa nama 2,000 ka amantii,hawaasaa fi naannoo gara garaatii dubbisanii gabaasa kana baasan.

Akka John Murunga dhaabaa GeoPoll fulaa bu’ee dubbatetti namii Keenyaa oduu harka 76 TV irraa caqasan dhugaa jedhee fudhata.

Madda oduu gara garaa caqasnii dharaa fi dhugaa mirkanfachuu wayyaa.Oduu dharaa odeessan keessaa fkn ‘ebeluu paartii ufii dhiisii paartii ebeluutti galee’ fa.

Jarii oduu dharaa odeessu kun oduu akkanaa gaazexaa biyya keessatti beekamtu faatti kennatee odeeffata.

Dorothy Ooko, dhaaba Google keessatti maanajera Afrikaa gama Bahaatii fi naannoo Afrikaa afaan Faransaay dubbattuuti. “Buufata filannootii fi dhaabbileen oduu dharaa ufi irraa eeguu malan,”jetti.

Filannoo Keenyaa dhiyaachuu jirtuun duratti ‘oduu dharaatti’ lafa qabate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:11 0:00

XS
SM
MD
LG