Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Fayyaa Keeniyaa Dhukkuba Koleeraa Ka'en Wal-qabate Hoteelonni Lama Akka Cufaman Ajeje


Ministarri Fayyaa Keeniyaa, dhukkuba Koleeraa biyyattii keessatti ka’e waliin hidhata qabu – jechuun, hoteela magaalaa Naayroobii keessa jiran lama akka cufaman ajajee jira.

Hoteelota lameen, Vaalenshiyaa fi Jakarandaa jedhaman akka cufaman ajajuun isaanii, dhukkubni Koleeraa, nyaata hoteelota lameen irraa walga’ii adda addaaf ergamee gurguramuun daddabra – oduun jedhu eega dhaga’amee booda.

Bakka-bu’oonni dhaabbatoota daldalaa adda addaa hedduun agarsiisa daldalaa yokaan Eksipoo torban kana geggeessametti hirmaatan – nyaata hoteelota lameen irraa ergame eega nyaatanii booda, dhukkuba gara kaasaa yokaan yaasaan qabamanii yeroo wal’aansaaf deeman mallattoon kun argame – jedha.

Miseensonni Kaabinee mootummaa Keeniyaa nyaata qophaawe sana nyaatanis dhukkubichaan miidhamanii jiran – jedhama.

XS
SM
MD
LG